Miseensonni Waldaa Abbootii Qabeenyaa Taaksii Finfinnee MM Dr Abiy waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2012 (FBC) -Miseensonni Waldaa Abbootii Qabeenyaa Taaksii Finfinnee muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin mari’atan.
 
Miseensonni waldichaa proojaktii Shaggar miidhagsuu, hojiilee misoomaa magaalichaa fi Inxooxxoo daawwataniiru.
 
Dooktar Abiy hojiileen misoomaa kanneen invastimantiidhan kan babal’atanii fi qabeenya dhalootaa ta’uu ibsaniiru.
 
Tajaajila geejibaa kan laatan namoota addaddaa waliin waan wal qunnamaniif sochii fi hawwata tuuriizimiirratti ga’ee olaanaa akka qaban ibsan.
 
Badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf daangaa keenya dabarree yoo imalle guddinni Ityoophiyaa waan hin oolles jedhaniiru muummee ministiraa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment