Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawaalee garaagaraatti duula biqiltuu dhaabuurratti hirmaatan

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)- Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawaalee garaagaraatti duula biqiltuu dhaabuurratti hirmaataniiru.

Haaluma kanaan Ajaja Bahaatti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Magaalaa Maayaatti Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Itti Aanaan Hogganaa Ajaja Bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayyeen Raayyaan Ittisa Biyyaa akkuma nageenya biyyaa eegu hojiiwwan misoomsa biyyaa keessattis hawaasaa waliin hirmaachaa jirachuu dubbatan.

Dabalataan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmarattis miseensoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi hawaasni naannawaan gaggeeffama jira.

Gammachuu Beekumaa fi Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia #Ashaaraa_Magariisaa

Comments (0)
Add Comment