Miseensonni Paarlaamaa sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu gaggeessan

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC)- Miseensonni Mana Maree Bakka bu’oota Ummataa fi hojjettoonni waajjiricha sagantaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Ekkaatti gaggeessaniiru.

Itti Aantuun Afyaa’ii Mana Marichaa Aadde Loomii Baadhoo hasaawaa taasisaniin, duulli Ashaara magariisaa Ityoophiyaatti eegalamee fakkeenyaa Afrikaa qofaa osoo hintaanee kan Addunyaati jedhaniiru.

Ministirri Wamaama Mootummaa Obbo Tasfaayee Baljiigee gama isaaniin, misooma Ashaaraa magariisaa milkeessuun falaama jijjirama qabeenya qilleensaan walqabatee sadarkaa Addunyatti mudatuu hir’isuuf shoora qabaachuu ibsuu ragaan Mana Mariicharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment