Misoomni Kooriidarii Biyyattiin Daandii Badhaadhinaarraa Jiraachuu Argisiisa-Miseensota Paarlaamaa

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)- Hojiileen misooma kooriidarii biyyattiin daandii badhaadhinaarra jiraachuu kan argisiisu ta’uu Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dubbatan.

Miseensonni kunneen hojiilee misooma kooridarii Piyaassaa, Arat kiiloo fi Meeksiikoo xumuraman daawwataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsa miseensotaaf taasisaniin, pirojektoonni kunneen dargaggoota kuma 47’f carraa hojii uumuu, hojichi sa’aatii 24 dabareen hojjetamuun hojichi yeroo qabame dursee xumuramuu fi kunis aadaa hojii dargaggootaa kan jijjiire ta’uu ibsaniru.

Kana malees, jiraattotaaf mijattuu fi sadarkaa idil addunyaa magaalaa eeggatte taasisuu ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan, yaa’iinsi tiraafikaa akka sirratu, imaltoota miilaaf mijataa fi nageenyummaaf isaaniif kan gumaachuudha jedhan.

Miseensonni Paarlaamaa daawwannicharratti hirmaatanis, hojiileen misooma kooriidarii kunneen biyyattiin daandii badhaadhinaarra jiraachuu kan agarsiisu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment