Finfinnee, Fulbaana 22, 2014 (FBC) – Miseensonni namuusa poolisiin ala nama dhuunfaa reebaan to’atamuun qorannoo irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.
Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 2 iddoo addaa addaabaabayii Mikaa’eelaa jedhamuun beekkamutti Fulbaana 21, 2014 miseensonni Poolisii 2 dubartii tokkorraatti namuusa poolisiin ala reebicha irratti raawwachuu isaaniin to’annoo seeraa jala ooluun dhimmi isaanii ilaallamaa jiraachuu ibsameera.
Poolisiin magaalaa Finfinnee bara 2013 miseensota fi hoggantoota poolisii ogummaa poolisiin ala yakka raawwatan 171 miseensummaarraa gaggeessuu beeksiseera.
Namoota hojiirraa gaggeeffaman keessaa 29 yakka sarbama mirga namoomaa kanneen raawwatan ta’uu ibseera.
Rakkoolee kanneenii fi kan biroo dhaabbilee keessatti muul’atan hambisuuf poolisii Federaalaa waliin hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.