Miseensonni MMBBU uummata isaan filate waliin mari’achuuf dhimmoota isaan dandeessisanirratti hoggantoota waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa magaalaa Finfinnee dhimmoota uummata isaan filate waliin mari’achuuf isaan dandeessisanirratti hoggantoota waliin mari’ateera.
Carraa gaarii argamee fi hanqinoota jiran furuuf ummata isaan filate waliin walitti dhiyeenyaan mari’achuun murteessaa ta’uu miseensonni kunneen kaasaniiru.
Filatamtoonni ummataa isaan filate waliin baatii sadi sadiin wal arguun akka mari’atu hojmaanni uumamuu Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alem ibsaniiru.
Marsaa kanaan mariin miseesonni mana marichaa ummata waliin taasiisaan akka milkaa’uu fi rakkoolee ummanni kaasu waloon furuuf Paartichi qophii ta’uu himaniiru.
Marii kallattiin ummata waliin taasiifamuun gaaffii ummanni dhimmoota diinagdee fi hawaasummaa ilaalchisee kaasaaniif furmaata laachuuf kan hojjetamu ta’uu ragaan mana Marichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment