Miseensonni Manneen Maree Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015(FBC)- Miseensonni Mana maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana maree Federeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman.

Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Ittaantuu Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa aadde Loomii Badhoofi Ittaantuu Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Zaahiraa Humad dabalatee miseensonniifi hojjettoonni manneen maree kanneenii Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Mata duree “Dhiiga keenya Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf” jedhuun dhiiga kan arjoomaan miseensonni manneen maree kanneenii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa gama maraa taasisuun barbaachisaadha jechuu TOI gabaaseera.

Deeggarsi dhiiga arjoomuu, maallaqaafi akaakuu Raayyaa Ittisaa Biyyaaf taasifamu cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment