Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Magaalaa Dirree Dawaa jiraattota waliin mari’achaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Magaalaa Dirree Dawaa jiraattota magaalaa Dirree Dawaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jiru.

Marichaan hawaasni magaalichaa dhimmoota biyyaalessaa garaagaraarratti yaada isaanii kennaa jiraachuu ibsameera.

Maricharratti kutaaleen hawaasaa gandoota magaalichaa garaagaraa hirmaachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Dirree Dawaarraa argame ni mul’isa.

Jiraattonni magaalichaa hojii dhabdummaa hir’isuuf carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannoon laatamee hojjetamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa magaalichatti mudate furuuf daldaltoota karaa qaxxaamuraa duroomuuf daballii gatii hin malle taasisan irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatu gaafataniiru.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii maagaalichatti mul’atan furuu fi gaaffilee misoomaa deebisuuf fuulduratti bulchiinsi magaalichaa jiraattota waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Dooktar Biiftuu Mahaammad ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment