Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata proojektii Adwaa 00 fi haaroomsa mana Qopheessaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata proojektii Adwaa Zeeroo Zeeroo fi haaroomsa mana Qopheessaa magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

Ityoophiyaan ni Badhaati wayita jennu hojiilee qabatamaa akkasii hojjechuuni kan jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen

Wayita ammaa proojektii Adawaa Zeeroo Zeeroo , Haaroomsa Mana Qopheessaa dabalatee Proojektoonni garagaraa Magaalicha keessatti hojetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessattuu proojektiin mana Qopheessaa hanga Adababayii Masqalaatti hojiilee miidhaginaa hojjetameen jiraattoonni Magaalichaa fi biyyattiif bakka bashanaana ta’eera jedhan.

 

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment