Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Iiraan 23 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Iiraan 23 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsameera.

Itti aanaan dura taa’aa mana marichaa ibsa laataniin, miseensota paarlaamaa biyyattii 290 keessaa namoonni 23 vaayrasichaan qabamuu mirkaneessaniiru.

Biyyattiitti guyyaa har’aa qofa namoonni 835 dhibee kanaan qabamaniiru jedhame.

Iiraanitti namoota kuma 2 fi 336 vaayrasii koroonaatin qabaman keessaa namoonni 77 du’uun isaanii ibsameera.

Biyyattiin Chaayinaatti aantee biyya vaayrasichaan daran miidhamaa jirtu ta’uun himameera.

Maddi:-https://www.middleeasteye.net

 

Comments (0)
Add Comment