Miseensonni Komishinii Maree biyyaalessaa ajandaa walitti qabuuf Gaambeellaa gale

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) – Jilli Miseensota Komishinii Maree biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Arayaan durfamu ajandaa marii walitti qabuuf Gaambeellaa galeera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Gaambeellaa ga’u Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun simannaa taasiifamuufii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Gaambeellarraa argame ni mul’isa.

Jilichi turtii isaan namoota ajandaa adda baasurratti hirmaatanii kan filatuu fi sadarkaa naannichaatti hojii ajandaa walitti qabuu kan gaggeessuu ta’uu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Arayaan ibsaniiru.

Mareen biyyaalessaa kun waliigaltee biyyaalessaa kan uumuu fi Ityoophiyaa fooyyoofte dhaloota dhaalchisuuf faayidaa olaanaa qabaatan eegama.

Mootummaan Ityoophiyaatti waldhabdee jiran mariin furuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Komishinii Maree Biyyaalessaa hundeessuun kan yaafatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment