Miseensonni kaabinee Finfinnee daandii Shiroomeedaa – Quusqiwaam ijaarsarra jiru daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Miseensonni kaabinee magaalaa Finfinnee daandii Shiroomeedaa – Quusqwaam ijaarsarra jiru daawwatan.
 
Daawwicharratti itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman argamaniiru.
 
Misoomni carraaqqii fi hirmaannaa hundaatin kan milkaa’u ta’uu ibsanii, faayidaa hunda keenyatiif jecha qormaata nu mudatu waliin irra ceena jedhan.
 
Proojaktii daandichaa yeroo qabameefitti xumuruuf hojjetamaa jiraachunis ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment