Miseensonni humna addaa gara Riifoormitti hin makamne hanga Wiixataatti caasaa nageenyaa barbaadaniitti akka makaman waamichi dhiyaate

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Miseensonni humna addaa sababa eeyyamaa fi dhibeen gara Riifoormitti hin makamne hanga Wiixataa dhufuutti caasaa nageenyaa barbaadaniitti akka makaman waamichi dhiyaateera.

Naannoon Gaambeellaa adeemsa humna addaa deebisanii ijaaruu milkiin gaggeessaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Sannaay Akwoor ibsaniiru.

Naannichi riifoormii akka biyyaatti dhaabbilee nageenyaa cimaa ijaaruuf hojjetamaa jiru fudhachuun hojiilee garaagaraa raawwachaa turuu eeraniiru.

Komishinarichi akka biyyaatti dhaabbata nageenyaa cimaa ta’e ijaaruuf Riiformii mootummaan humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessuuf dhiyeesse fudhachuun miseensota humna addaa naannichaa hojiirra oolchaan galateeffachuu ragaan Biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment