Miseensonni Hojii Raawwachiistota Liigii Dubartootaa Paartichaa Hidha Haaromsaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Miseensonni Hojii Raawwachiistoota Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Gamaaggamni walakka waggaa Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhina Naannoo Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Guyyaa har’as miseensoonni Hojii Raawwachistoota Liigichaa Guubaatti ijaarsa Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa daawwachuu ragaan Kominikeeshinii Naannichaarra argame ni mul’isa.

Liigichi baatii Gannaarraa eegalee sochii taasiseen bittaa Boondii Birrii miiliyoona 127 taasisuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment