Miseensonni gareen hidhattoota Qimaanti 300 nagaan harka kennatan

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Hawaasarraa fottoqanii bosona kan turan miseenonni garee hidhattoota Qimaanti 300 nagaan mootummaatti harka kennatan.

Hidhattoonni kunneen tattaaffii jaarsolii biyyaa fi waamicha nagaa mootummaan dhiyeesseen hidhannoo isaanii hiikkachuun mariif qophii ta’uu ibsameera.

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa Obbo Dassaalanyi Xaasawu, humnoonni hidhatan adeemsa nageenyaa filataniif tattaaffiin jaarsolii biyyaa fi hawaasaa naannawichaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Tattaaffi taasifameef galateeffatanii, hidhattoonni 300 nageenya filatanii gara qe’ee isaanitti nagaan deebi’uun yaaddoo nageenyaa hawaasaa ture kan hambisuudha jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment