Miseensonni garee shororkeessaa hokkara kakaasuuf hojjechaa turan 166 to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Ayyaanota addaabaabayiirratti hokkara kaasuun gara hokkara biyyaalessaatti akka ce’uuf miseensonni garee shororkeessaa hojjechaa turan 166 to’annoo jalaa oolfu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa beeksiseera.

Sirna Daamaraa Masqalaa akkaumas Ayyaana Irreechaa Finfinnee fi Bishooftuu irratti gochaa shororkeessuummaa raawwachuun jeequmsi biyyaalessaa akka uumamuuf hojjechaa kanneen turan shakkaamtoonni to’annoo jala oolfamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Humnichi Waloo ibseera.

Humni walichaa ibsa Faanaaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen, gareewwan shororkeessitootaa ayyaanota dirree baatii Fulbaanaa keessa kabajaman irratti jeequmsa uumuun jeequmsicha sadarkaa biyyaalessaatti babal’isuuf gareen shira xaxaa turuu yaadachiiseera.

Shirri gareewwan kanneenii qophii qindaa’aafi hordoffii  humni walichaa taasiseen  fashalaa’uu eerameera.

Miseensonni gareewwan shororkeessitootaa ABUT, Shanee, IS akkasumas gurmaa’iinsi idileen alaa 166 to’atamuu ibsameera.

Miseensonni gareewwan kanneenii sirna kabaja Ayyaana Daamaraa Masqalaafi Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee irratti ergama jeequmsaa fudhachuun gareen socho’aa akka turan eeruun, keessumaa gareen Shorokeessaa Shaneen seelota gocha shororkeessummaa raawwatan qindeessaafi garee Abbaa Torbee jedhamu bobbaasuuf yaalii taasisaa turuu humni walichaa yaadachiiseera.

Ergama  badii kanaaf garee shororkeessaa ABUT waliin qindaa’uuniifi dhiyeessii loojistikiif haala mijeessuun  qophii taasisaa turuu ibsameera.

Humni walichaa meeshaalee waraanaa  gareewwan kunneeni ittiin nageenya ayyaanichaa booressuuf itti fayyadamuuf turan kanneen akka fanjiiwwanii, boombiifi rasaasa hedduu to’achuu eerameera.

Shakkamtoonni kunneen garee shororkeessaa IS waliin kan hojjetan ta’uufi garee shororkeessaa ABUT irraa ergama fudhachuun socho’aa akka turan kan mul’isu ragaan sanadaa argamuu humni walichaa ibseera.

Qaamoleen nageenyaa hundi ergama isaanii kutannoon ba’achuuf halkaniifi guyyaa hojjechuun akkasumas hirmaannaa hawaasni taasise gochi shororkeessummaa karoorfame akka fashalaa’uuf ga’ee olaanaa ba’achuu humni walichaa addeesseera.

Ayyaanonni kunneen karaa nagaan kabajamanii  akka xumuramaniif hirmaannaa hawaasni taasiseef galateeffateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment