Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Miseensonni Faannoo hidhannoon Kaaba Walloo keessa socho’an waamicha Mootummaan taasise fudhachuun dhiifama gaafachuun gara jireenya idilee isaanitti deebi’uuf waliigaluu isaanii ibsame.
Mootummaan Naaannoo Amaaraa qaamolee dhuunfaa fi gareen hidhannoon socho’an gara gurmaa’isa idileetti deebi’uun jireenya idilee isaanitti akka galan tattaaffii taasisaa turuun kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii Godina Walloo Kaabaatti qaamoleen hidhannoon socho’an waamicha mootummaan taasise fudhachuu dhiisuun Raayyaa Ittisaan walitti bu’iinsa keessa seenanii turan.
Miseensonni kunneen yeroo ammaa waamicha mootummaan naannichaa taasise fudhachuun karaa nagaan gara jireenya idileetti deebi’uuf waliigaluu mootummaa naannoo Amaaraa ibsa baaseen beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.