Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Miseensonni diyaaspoora godiina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti misooma qamadii jallisii Wanjii daawwachaa jiru.
Daawwanicharratti Ittaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu bu’aalee oomisha qamadii jallisii, Avookaadoo fi Paappayyaarraa argamaa jiru ilaalchisee miseenosta kanneeniif ibsa laataniiru.
Ityoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Diyaaspooraan gama dippiloomaasiin falmuun bu’aa biyya isaa argamsiisuun cinaatti hojiilee misoomaarratti akka hirmaatu gaafataniiru.
Diyaaspooraan oomisha biyya keessaarratti akka hirmaatuu fi guddina Ityoophiyaa mirkaneessuuf waliin akka dhaabbataniif hojimaatileen mijataa ta’an diriirfamuu obbo Geetuun ibsaniiru.
Diyaaspooraawwan daawwanicharratti hirmaatan hojiileen oomishaa hojjetamaa jiran kan dinqisiifataman ta’uu fi daawwannichi diyaaspooraan biyya isaa keessatti akka oomishuuf ija kan banu ta’uu ibsaniiru.
Firehiwoot Saffiiwutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.