Miseensonni boordichaa qabeenya namoota harka qalleeyyii deeggaruuf walitti qabame daawwatan

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Miseensonni Boordii sakkattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa qabeenya lammiilee madda galii hin qabne deeggaruuf Bulchiinsi magaalaa Finfinnee walitti qabe daawwatan.
 
Magaalichaatti erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’atee dargaggoonni kumni 3 fi 884 waldaa fi dhuunfaan hojii tola ooltummaarratti bobba’uu isaanii qindeessan dargaggootaa fi tola ooltoota magaalaa Finfinnee obbo Abrahaam Taaddasaan himaniiru.
 
Dargaggoonni kunneen qabeenya walitti qabuu, hojii hubannoo uumuu, harka dhiqachiisuu, dhiiga arjoomuu fi qabeenya walitti qabame imalchiisurratti bobba’anii argamu jedhan.
 
Hojii tola ooltummaan xaafiin, daakuun , boqqoolloon, zayni nyaataa, Firaashiin, uffanni qorraa, paastaan, Makooroonii fi meeshaaleen qulqullinaa walitti qabamuu isaanii himameera.
 
Miseensonni Boordii sakkattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisas weerarichi jiraattootarraa miidhaa akka hin qaqqabsiifneef qophii bulchiinsi magaalichaa taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
 
Koreen kun maallaqa dabalatee qabeenyi walitti qabame sirnaan hojiirra akka oolu hordofii kan taasisu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment