Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Miseensi Poolisii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti qoricha sammuu namaa adoochuu namoota dhuunfarraa to’atame hir’isuun dhokse jedhamuun himatame adabbii cimaa fi maallaqaan adabameera.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi 1ffaa Dhimmoota yakka Malaammaltummaa Miseensa Poolisii Gargaaraa Inispeektaraa Taammiraat Taaddasaa Lammaarratti himata dhiyaate qorachuun murtoo adabbaa cimaa fi maallaqaa itti murteesseera.
Himatamaan Komishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa qajeelcha qorannoo yakkaa waliigalaa kutaa olaanaa gamtaa qorannoo fi hooggansaa jalatti hojii qorannoo daddabarsa baala sammuu namaa adoochuu akka hojjetu ramadamee, osoo hojjechaa jiruu baatiwwan garaagaraa Qoricha Kookeenii fi Kaanaabis jedhaman namoota adda addaa irraa qabame erga fuudhee booda irraa hir’isuun dhoksuun yakka malaammaltummaan himatameera.
Ragaan Ittisaan himatamaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan Alangaa himatamaarratti dhiyeesse madaaluu dhabuu isaanii manni murtichaa himatamaan balleessaa raawwchuu itti murteesseera.
Haaluma kanaan manni murtichaa yaadoota adabbii bitaa mirgaa erga ilaalee booda himatamaan adabbii cimaa waggaa 3 fi baatiwwan 3, akkasumas Birrii kuma 2 akka adabamu itti murteesseera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia