Miseensi Mana Maree ABUT dabalatee meeshaa seeraan alaa hidhachuun gareen lubbuu namaa balleessaa jiraan shororkeessummaan himatamuu qabu jedhan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC)- ABUT dabalatee meeshaa seeraan alaa hidhachuun gareen lubbuu namaa balleessaa jiraan shororkeessummaan himatamuu akka qaban Minseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa himaniiru.

Manni marichaa har’a ajandoolee qabatee keessaa haleellaa lammiileerra ga’aa jiruurrati mari’ateera.

Manni marichaa godina Wallaggaa lixaatti miidhaa eenyummaa irratti xiyyeeffachuun qaqqabeen gadda itti dhaga’ame ibseera.

Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, gochichi itti yaadamee kan raawwatame ta’uu ibsuun, haleella qaqqabeen kaleesssa galgalaa hoggaansi mana marichaa marii taasisuun murtoorra ga’uu kaasaniiru.

Kanarratti hundaa’ee miseensi mana marichaa yaada akka laatuu taasifameera.

ABUT dabalatee gareen seeraan alaa socha’uun haleellaa qaqqabsiisaan yakka shororkeessummaan akka himatamanii fi tarkaanfiin akka irratti fudhatamuu yaadni dhiyaateera.

Dhimmicharratti manni marichaa erga mari’atee booda qaamni raawwachisaan mana mareetti dhiyaachuun ibsa akka laatuu, tarkaanfiin dhiifama hin qabne akka fudhatamuu fi rakkichi irra deebiin akka hin mudanneef maal murteesssu akka qaburratti yaanni murtoo akka darbuu kallattiin ka’aameera.

Dabalataanis manni marichaa koree dhaabbii adda addaa filateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment