Miseensi Kongiransii Ameerikaa Doob Beeyer wixinee seeraa HR 6600 morman

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Miseensi Kongiransii Ameerikaa Doob Beeyer wixinee seeraa HR 6600 morman.

Doon Beeyer guyyaa kaleessaa Ameerikaatti hawaasa Ityoophiyaa fi Eeritraaf haasaa kan taasisan yoo ta’u fuulduratti hawaasicha waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Sochiin wixinee seerichaa raggaasisuuf eegalame nageenya uumuuf, marii fi namoota gar-tokkotti fiduuf rakkisaa ta’uu fi wanta isaaniif danda’amu mara raawwachuu fi haalota jiran fooyyessuuf kan yaalan ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis Ityoophiyaa AGOA keessaa baasuuf murteeffamuu kan morman ta’uu fi gara waliigaltee daldalaatti deebisuuf qaamolee ijoo waliin mari’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment