Mirgi odeeffannoo argachuu lammiilee akka kabajamu mootummaan hojjetaa jira – TKM

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) –Mirgi odeeffannoo argachuu lammiilee akka kabajamu mootummaan hojjetaa jiraachuu Tajaajilli Kominiikeeshinii Mootummaa ibseera.

Dhaabbanni Abbaa Gaar seera Raawwii Bilisummaa Odeeffannoo ilaalchisee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa,Tajaajila Kominiikeeshinii Mootummaa fi bakka buutoota miidiyaalee waliin marii taasiiseera.

Lammiileen tajaajilaa fi sagantarratti mirgi odeeffannoo barbaadaan argachuu akka kabajamu mootummaan hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun himaniiru.

Lammiileen dhimmoota Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa idil addunyaa, Ardiilee,biyyaleessaa, naannawaa, akkasumas taatee uumamaa fi namtolchee ilaalchisee odeeffannoo gurmaa’ee fi xinxaallame argachuu mirga qabu jedhan.

Kunis heera mootummaa keessatti kan taa’e ta’uu ibsaniiru.

Mirgi odeeffannoo argachuu lammiilee akka kabajamu barii jijjiiramaa eegalee bilisummaan Preesii bifa haaraan baname shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Yaa ta’uutii bilisummaa odeeffannoo uwwisa taasiisuun odeeffannoowwan diigumsaa fi walitti bu’iinsa kakaasan irratti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment