Mirgi Himatamuu Dhabuu Obbo Taayyee Danda’aa ka’e

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC)- Caffeen Mirga Himatamuu Dhabuu Miseensa Caffee Obbo Taayyee Danda’aa kaase.
 
Bu’uura Heera Fooyya’aa Naannoo Oromiyaa 1994 Fooyya’ee Bahee Keewwata 48 Keewwata xiqqaa 6 jalatti ibsameen, Miseensi Caffichaa kamuu yeroo ummanni isa filate amantaa irraa dhabetti, akka seeraatti, miseensummaa Caffeerraa gaggeeffamuu akka danda’u tumamee jira.
 
Bu’uuruma kanaan, Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 6ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa taa’aa jiruun mirga himatamuu dhabuu Kab. Obbo Taayyee Danda’aa Araddoo dhiyaateef irratti mari’atee sagalee calmaan raggaaseera.
 
Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 6ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment