Mirgaa fi faayidaa lammiilee giddugaleessa Bahaa jiraataanii kabachiisuuf hojiin dippiloomaasiin hojjetame bu’aa agarsiisuu eegale – Ambaasaaddaroota Ityoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Mirgaa fi faayidaa lammiilee Ityoophiyaa Giddugaleessa Bahaa jiraataanii kabachiisuuf hojiin dippiloomaasiin hojjetame bu’aa agarsiisuu eegaluu Saa’ud Arabiyaa fi Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa dubbatan.
 
Lammiilee Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa rakkoolee garaagaraa keessa jiran baraaruuf hojii Diippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate hojiirra hiikuunn furmaanni argamuu himameera.
 
Saa’uud Arabiyyatti Ambaasaaddaarri Ityoophiyaa Abduullaaziiz Ahimad,jijjiirramaa as hojii diippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate hojjetameen lammiileen Ityoophiyaa kumni dhibbi 2 rakkoo keessa turan gara biyya isaaniitti akka deebi’an taasifamuu himaniiru.
 
Lammiilee sababa weerara vaayrasii koroonaan hojiirraa ari’amanii fi mindaa isaanii dhorkamaniif waamichi taasifamuu kaasaniiru.
 
Imbaasichi yeroo jalqabaaf lammiilee haqa isaanii mulqamaniif abuukaatoo dhaabuun deeggarsa godheera jedhan.
 
Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Suleemaan Daddaffoo gama isaan, lammiileen sanada tokkollee hin qabne kuma 30f haala hojii mijeessuuf sosochiin eegalamus weerarri vaayrasii koroonaa gufuu ta’eera jedhan.
 
Yaa ta’uutii lammiilee kanneeniif deeggarsi namoomaa barbaachisaa ta’e godhamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Lammiilee gara biyya isaanii deebi’uu barbaadaniif mootummaan mirgii fi nageenyi isaanii eeggamee gara biyya isaaniitti akka deebi’an haala ni mijeessa jedhaniiru.
 
Tattaaffii lammiilee Giddugaleessa Bahaa jiraataniif qaqqabuu godhamutti weerarri vaayrasii koroonaa qormaata guddaa ta’us, diippiiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate bu’aa qabeessa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Ambaasaaddaroonnii kunneen faayidaa tajaajila lammiilee kabachiisuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu Faanaa Broodkaastiing Koorpooreetiif himaniiru.
 
Hayilayesuus Makkoonniintu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment