Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Mirga fi faayidaa Lammiilee Ityoophiyaa Yoordaanositti hojiirratti bobba’an kabachiisuuf waliigalteen mallattaa’eera.
Mirga fi faayidaa Lammiilee Ityoophiyaa Yoordaanositti hojiirratti bobba’anii kabachiisuuf mootummaan biyyattii waliin mari’achuun waliigaltee mallatteessuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.
Ulaagaalee hojjetaa fi hojii walitti fidaa idil addunyaa kabachiisuu dabalatee daballii mindaa, nageenya iddoo hojii, yaalaa fi Inshuraansii fayyaa ilaalchisee marii taasiisuu isaanii Aadde Mufariyaat fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa kumni 33 ol Yoordaanos keessa kan jiraatan ta’uu eeraniiru.
Wixinee dhiyaaterratti mari’achuun Ministira Ministeera dhimma Daldalaa, Indaastirii fi Hojjetaa Yoordaanos Yooseef Shaamaalii waliin waliigalteera ga’uu isaanii dubbataniiru.
Waliigaltichi hojjettoota mana keessa hojjetan kana dura ergamaa turan dabalatee yeroo jalqabaaf humna nama baratee gara biyyattiitti erguuf kan dandeessisu ta’uu himaniiru.
Waggaa waggaan daballii mindaa taasiisuuf kan dirqisiisu ta’uu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.