Minstiroonni biyyoota Baha Afrikaa adda addaa Finfinnee galan.

Minstiroonni biyyoota Baha Afrikaa adda addaa Finfinnee galan.

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017(FMC) – Minstiroonni biyyoota Sudaan Kibbaa, Tanzaaniyaa, Ruwaandaa fi Yugaandaa Feestiivaala Aadaa fi Aartii 2ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Ministirri Aadaa Godambaa fi Ambaawwanii Biyyalessaa Sudaan Kibbaa Dooktar Naadiyaarooppi Duud Maayyoo fi Ministirri Ministeera Beeksisaa, Aadaa, ogummaa fi Ispoortii Taanzaaniyaa Pirofeesar Paalaamaagaampaa Joon Edaan Miwaalukoo Finfinnee galaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Ministirri Ministeera Dargaggootaa fi Og-aartii Dooktar Utmaatwiishmaa Jeen Neeppoo Abdallaa fi Ministirri Deetaan Ministeera Sirna Koorniyaa, Aadaa fi Misooma Hawaasummaa Ruwaandaa Mistar Asaamoo Helan Girees Finfinnee galuun isaanii himameera.

Keessummoonni kunniin wayita galan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti argamuun Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa simatamaniiru.

Aadde Shawiit tumsa naannawaa cimsuuf Feestiivaala qopheessine irratti hirmaachuuf fedha agarsiisuun gara mana keessaniitti baga Nagaan dhuftan jechuun simatamaniiru.

Comments (0)
Add Comment