Minsteerri Barnootaa adeemsa baruu fi barsiisuu gama oonlaayiniin kennuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Minsteerri Barnootaa adeemsa baruu fi barsiisuu oonlaayinii fi tajaajila mana kitaabaa diijitaalaa kennuu eegale.

Ministeerichi sagantaalee itti fayyadama kominikeeshinii fi teeknooloojii fi adeemsa hojiirra oolmaa teeknooloojii diijitaalaa fooyyessuu dandeessisan ifoomsuu ibsameera.

Adeemsi baruu fi barsiisuu oonlaayinii fi tajaajilli mana kitaabaa diijitaalaa kitaabilee idilee fi deeggarsaa, suuraalee sosocho’an ministeerichi barattoota ni fayyadu jedhee madden garaagaraarraa qopheesse kan of keessatti haammatan ta’uu eerameera.

Tajaajilichi itti fayyadamaaf haala salphaa ta’een kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Dabalataanis rakkoo barattoota  qaama miidhamtootaa fi gara mana barnootaa dhufuu hin dandeenye haala salphisuu danda’uun qophaa’uu fi barattoonni dandeettii addaa qaban adeemsi baruu fi barsiisuu osoo isaan hin daangesiin hordofuu akka danda’an eerameera.

Yeroo ammaa galteewwan baruu fi barsiisuu barnoota sadarkaa 2ffaa kutaan, gosa barnootaa fi boqonnaan qooduun hojiin gara siistemaatti fe’uu hojjetamuu addeessameera.

Galteewwan kanneen bilisaan intarneetaa fi intarneeta malee buufachuun fayyadamuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.

Fuulduratti barattoota sadarkaa 1ffaa fi idileen duraa fayyadamtoota tajaajilichaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment