Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Daayrektara Olaanaa FAO waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa (FAO) Kuu Doongiyuu waliin haala walta’iinsa jiru cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dooktar Girmaan, daayrektarichi marsaa 2ffaan filatamuutti gammachuu isaanitti dhagaa’ame ibsanii, Ityoophiyaan dhaabbaticha waliin walta’iinsa cimaa fi yeroo dheeraa lakkoofsise akka qabdu kaasaniiru.

Walta’iinsi kun daran akka cimuuf walitti dhiyeenyaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Keessumma weerara awwaannisa gammoojjii ittisuu, misoomaa beeylaadaa fi dameewwan ce’umsa sirna soorataan walta’iinsi jiru bu’a qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Erga yeroo dhiyoo as Ityoophiyaatti damee qonnaan inisheetiiviiwwan hedduun hojiirra oolaa jiraachuu fi bu’aalee jajjabeessan argamuu hubachiisnaiiru.

Kuu Doongiyuun gama isaaniin, Ityoophiyaatti xiyyeeffannaan damee qonnaaf kenname kan dinqisiifatamuu fi abdii qabeessa ta’uu himaniiru.

Makkaanaayizeeshinii qonnaa, tajaajila qonnaan bultoota fi dhiyeessiiwwan galtee qonnaaf xiyyeeffannaa kennuun yoo hojjetame bu’aa caalu fiduun akka danda’amu akeekaniiru.

Dhaabbatichis fuulduratti Ityoophiyaaf deeggarsi taasifamu akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment