Ministirri nageenyaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliin marii gaggeessa jira

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) –Ministirri nageenyaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliin marii gaggeessa jira.

 

Waltajjicha kan banana Ministeera Nageenyaatti Ministirri Deettaan Damee Ijaarsa Nageenyaa fi Waliigaltee Biyyaalessaa obbo Haylaay Birhaanee amantaa hundi barsiifni isaanii nageenyaa fi jaalala ta’uun nageenyaa fi guddina biyyaaf ga’ee qaba jedhaniiru.

 

Waltajjichi rakkinoota Ityoophiyaa mudatan furuuf kan dandeesisu yaadotaa fi kallattii furmaataa irratti marii’achuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.

 

Waltajjichaarratti barreessaa waliigalaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Liiqa Tiguuhaan Taagaay Taaddalaa gabaasa dhiyessaniiru.

 

Waltajjichi guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ragaan ministeera nageenyaarra araganne ni mul’isa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment