Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Warshaa Albuuda Warqee Itinoo Maayiniing Naannoo Gaambeellaatti ijaarame eebbisiisaniiru.
Naannoo Gaambeellaa aanaa Akoobootti Invastimantiin hiikaa olaanaa qabu kun hojiirra ooluu isaan hundi keenya baga gammannee jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Warshaan Albuuda Warqee Itinoo Maayiniing Dhaabbata Oomisha Albuudaa Akooboof galtee ta’uu Dooktar Abiy kaasaniiru.
Dhaabbatichi biyyoota Iskaandineeviyaanii bu’ura kan godhate, karaa ‘Ethiopian Investment Holdings’ mootummaa Itiyoophiyaa waliin warqee barbaaduu fi albuuda baasuu irratti kan bobba’eedha jedhan.
Waggoottaan kurnan sadan darban magaalaa Diimaatti karaa aadaan albuuda warqee baasuun hojmaata qisaasamaaf saaxilamaa kan ture ta’uu eeraniiru.
Invastimantiin haaraan kun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa jajjabeessaa mul’isuu fi oomisha Warqee sadarkaa isaa eeggate argamsiisurra darbee hojii albuuda baasuu adeemsa seeraan alaaf saaxilamaa tureef deebii kan laatu ta’uu himaniiru.
Akkasumas qabeenya kuufamaa naannoo Gaambeellaa jiru faayidaa ummataaf oolchuuf kaka’umsa jiru agarsiisa jedhan.
#Oromia #Ethiopia