Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadiifi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Naannoo Afaaritti hojiilee misoomaa daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniin warshaa oomisha ashaboo ayoodaayizdii baatii jaha dura oomisha eegaleefi sa’aatiitti ashaboo toonii 15 oomishuu danda’u daawwataniiru.
Misooma oomisha qamadii boneefi Giddugala Misooma Baankii Nyaata Beelladaa Ayroolaaf daawwachuun isaaniis eerameera.
Ilaalcha dogoggoraa Kanaan dura dandeettii qonna naannichaarra ture jijjiiruun oomishni qamadii bonee dinqisiisaan argamuu wayituma kana ibsaniiru.
Warshaa Daabboo ammayyaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarames eebbisaniiru.
Warshichi maashinoota ammayyaan akka ijaarame, guyyaatti qamadii kuntaala 420 daakuu fi sa’aatii 24 keessatti daabboo kuma 300 tolchuu akka danda’u ragaan Waajjira Minitira Muummeerraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia