Ministirri Muummee Barsiisotaaf beekkamtiin kennan daran akka hojjennuu kan kakaasuudha-WBI

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC)- Ministrri Muummee Dooktar Abiy Ahimad barsiisonni ijaarsa dhalootaaf gumaacha taasisaniif beekkamtiin kennan daran akka hojjetaniif kaka’umsaa kan uumu ta’uu Waldaan Barsiisotaa Itiyoophiyaa beeksise.

Pireezidaantiin Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantiin akka jedhanitti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, beekkamtiin barsiisotaaf kennaan, gahee dhalootaa qaruu daran cimsanii akka itti fufan kaka’umsa kan uume ta’uu dubbatan.

Mana Maree Bakka Bu’ootaa duratti beekkamtiin kennaan, hawaasni barsiisota yeroo hundaa kabajuu akka qaban kan hubachiisu ta’uu ibsan.

Barsiisonni yeroo mara biyyaa fi dhaloota dursuun kan hojjetan ta’uu eeranii, baroota Itiyoophiyaan dabarsite keessattis gahee olaanaa qabaachuu yaadachiisan.

Fuuldurattis gahee kana cimsanii akka itti fufan kaasan.
Gaaffilee barsiisotaa haala danda’ameen mootummaan deebii kennuuf kan hojjetu ta’uu Ministirri Muummee ibsuu isaanii dinqisiifachuu TOI gabaaseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 36ffaa Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummaataa kaleessa gaggeeffamerratti ibsa kennaniin, utubaalee Itiyoophiyaa itti fufsiisan keessaa Barsiisota, Qonnaan Bultootaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’uu eeran.

Qonnaan Bultoonni oomishaa, haala jireenyaarratti jijjiirama olaanaa fidaa jiraachuu, Barsiisonnii fi Raayyaan Ittisa Biyyaa ammoo Itiyoophiyaa fi dhaloonni akka itti fufuuf gatii olaanaa kaffalaa jiraachuu, beekumsaa fi lubbuu isaanii utuu hinqusatin kan kennan ta’uun, kabajatu malaaf jechuun isaanii kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment