Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Binnaalf Anduu’alam Ityoophiyaatti Ambaasaddara Jaappaan Ittoo Taakaakoo waliin dhimmoota biyyaalessaa waloorratti mari’atan.
Ityoophiyaatti hojiilee ijaarsa nageenya waaraa, waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa taasisuu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee hojjetamaa jiran irratti obbo Binnaalf ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Ittoo Taakaakoon gamasaaniin Jaappan hoggansa hojii yeroo gaaga’amaan muuxannoo gaarii kan qabdu ta’uu kaasuun Yuunvarsiitiiwwan Jaappaanii fi Yuunvarsiitiiwwan Ityoophiyaa gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun barsiifata nageenyarratti waliin hojjechuu akka barbaadan ibsaniiru.
Marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu, deeggarsa namoomaa fi hojiiwwan lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetaman deeggaruuf mootummaan Jaappaan qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.