Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa daawwannaa Afrikaatti taasisan eegalan

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan daawwannaa Afrikaatti taasisaniin daawwannaa isaanii jalqabaa Afrikaa Kibbaatti eegalan.

Daawwannaan isaanii tattaaffii Raashiyaan Afrikaatti dhiibbaa uumuuf taasistu qolachuuf akka ta’e ibsameera.

Baatii darbe Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa afur daawwachuun isaanii kan yaadatamudha.

Antoonii Bilinken sagantaa daawwannaa isaanii itti aanuun Rippaabiliika Dimookiraatawaa Koongoofi Ruwaandaa ni daawwatu jedhamee kan eegamu ta’uu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment