Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa Ambaasaaddara Saa’uud Arabiyaa Saamii Jamaal Waajjira isaaniitti simachuun waliin Mari’ataniiru.
Marichaan Saa’uud Arabiyaan damee Bishaanii Ityoophiyaa gargaaruuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 50 taasifteef Dooktar Injinar Habtaamuun galateeffataniiru.
Fuula durattis damee Bishaanii fi Inarjiirratti waliin hojjechuuf waliigaluu ibsameera.
Ambaasaaddar Saamii Jamaal gama isaaniin, hariiroo Ityoophiyaa fi Saa’uud Arabiyaa daraan cimsuu kan barbaadan ta’uu eeraniiru.
Oomisha Albuudaarratti dhaabbileen Saa’uud Arabiyaa gara Ityoophiyaa akka dhufan kan taasisanii fi haala lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaa jiraniirratti mootummaa Ityoophiyaa waliin kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaa Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.