Ministirri Haqaa Rippaabliika Ummata Chaayinaa He Rong daawwannaaf Finfinnee galan

Ministirri Haqaa Rippaabliika Ummata Chaayinaa He Rong daawwannaaf Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Haqaa Rippabiliika Ummata Chaayinaa He Rong daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

He Rong jila isaanii waliin wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministir Deetaa Ministeera Haqaa Obbo Balaayihun Yirgaan simatamaniiru.

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa yeroo dheeraaf qabaachuu Obbo Balaayihuun ibsaniiru.

Tumsa dhimma seeraa fi Haqaa caalmaatti cimsuuf daawwannaan kun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

He Rong, qondaaltota olaanoo Ministeera Haqaa FDRE, Mana Murtii Waliigalaa Feederaalaa fi Waldaa Abukaatoota Federaalaa waliin ni mari’atuun eegama.

Ministira Ministeera Haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee waliin dhimma seeraa fi haqaa irratti tumsaan hojjechuuf waliigaltee ni mallatteessuun kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment