Ministirri Fayyaa duraanii Dooktar Kabbadaa Taaddasaan boqotan

Finfinnee, Hagayya 6, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa duraanii Dooktar Kabbadaa Taaddasaan guyyaa har’aa addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Dooktar Kabbadaan bara 1993 hanga 1998tti Ministira Ministeera Fayyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Dabalataan Waajjira Muummee Ministiraatti ministira Gorsaa dhimmoota hawaasummaa ta’uun tajaajilaniiru.

Akkasumas sagantaan Ekisteenshinii fayyaa sadarkaa yaalitti akka eegaluu jalqabsiisuu cinaatti sirna bartootaa keessa akka galuu fi leenjiin bal’inaan akka eegaluu kan taasisan Dooktar Kabbadaa ta’uu ibsameera.

Bara 1997 jalqabee yaalli Dhibee Farra HIV bilisaan akka laatamus kan taasisan Dooktar Kabbadaa ta’uus eerameera.

Sirni awwaalcha isaanii boru guyyaa sa’aatii 6:00 irratti Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Qulqulluu Sillaaseetti kan raawwatamu ta’uu ifoomeera.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeeti maatii fi firroottan isaaniif jajjabina hawweera.

Comments (0)
Add Comment