Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduun Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa Ityoophiyaa bakka bu’an waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduun Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa Ityoophiyaa bakka bu’an waliin mari’atan.

Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaaw Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa Ityoophiyaa bakka bu’an waliin konfiraansi viidiyoo gaggeessaniiru.

Marichi sochii waliigalaa Ityoophiyaan weerara vaayrasi koroonaa ittisuuf taasisaa jirtuu fi haala hidha haaroomsa irraatti kan xiyyeeffatedha.

Obbo Gadduun Ityoophiyaan tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf hojii raawwachaa jirtu gaggeesitoota misiyoonaaf ibsaniiru.

Gaggeessitoonni misiyoonaa biyya itti ramadamanitti dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin weeraricha ittisuuf kan dandeesisu tumsa akka cimsaanii fi muuxxanno biyyoonni ittisa vaayrasicharratti taasisaan dabarsuun gama isaaniin ga’ee isanii akka ba’atan obbo Gadduun qajeelcha laataniiru.

Comments (0)
Add Comment