Finfinnee, Fulbaana 22, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Naayijeeriyaa Jeefireey Ooniiyyemmaan hundeeffama mootummaa haaraa Ityoophiyaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Jeefireey Ooniiyyemmaan wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektara jeneraalaa dhimmoota Afrikaa obbo Akliluu Kabbadaa fi hoggantoota ministeerichaa biroon simatamaniiru.
Ministirichi bara Faranjootaa 2015 eegalanii ministira Alaa Naayijeeriyaa ta’uun tajaajilaa jiru.
Hariiroon Ityoophiyaa fi Naayijeeriyaa bara Faranjootaa 1964 irraa jalqabee kan eegale ta’uu ibsameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.