Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa dhaabbata Gooldi Maayniingii Sidaamaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) -Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa dhaabbata Gooldi Maayniingii Sidaamaa daawwatan.

Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa guyyaa har’aa dhaabbata Gooldi Maayniingii Sidaamaa daawwataniiru.

Dhaabbatichi magaalaa Hawaasarraa kiilo meetra 180 fagaatee qarqara laga Loogeetaa irratti kan argamu warqee baasuuf adeemsarra jiraachuu ragaan fuula feesbuukii isaanirra argame ni muldhisa.

Dhaabatichi dhalattootaa fi jiraattoota naannichaa abbummaan kan hoogganamu ta’uu ibsaniiru.

Baatii lama booddee oomisha isaa gabaaf dhiyessuu ni eegala jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment