Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Aljeeriyaa Ahimad Attaaf daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Ministirichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoonni olaanoon ministeerichaa simannaa taasisaniifiru.
Ahimad Attaaf turtii isaaniin hoggantoota mootummaa garaagaraa waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti marii ni taasisuun eegama.
#Oromiyaa #Ethiopia