Ministeerri Aadaa fi Turizimii boqachuu Artiist Lammaa Guyyaaf gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Ministeerri Aadaa fi Turizimii boqachuu Artiist Lammaa Guyyaaf gadda itti dhaga’ame ibse.

Ministeerri Aadaa fi Turizimii boqachuu artiist Lammaa Guyyaaf gadda itti dhaga’ame ibsuun maatii, firootaa fi ummata hundaaf jajjabina hawweera.

Artiist Lammaa Guyyaan waggoota 65 dabraniif, fakkiiwwan 10,000 ol kaasuudhaan biyyoota addunyaa garaa garaatti agarsiisaa turani.

Fakkii namoota bebbeekamoo hedduus gogaarratti kaasuun haalaan beekamu – akkaataa fakkii gogaarratti kaasuu kanas isaantu jalqabasiisee jedhamee amanama.

Fakkiin isaanii ganna hedduun dura kaasan ‘Harmee Oromiyaa’ jedhu namoota hedduu biratti haalaan beekama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment