Ministiroonni Ministeera Dhimma Alaa Poolaandii fi Beeljiyeem obbo Dammaqaa Mokonniniif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Poolaand Zibiignaaw Raayeenaa fi Itti aantuu Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa  Beeljiyeem Soofiyaa Weelmis irra deebiin muudamuu isaanii ilaalchisee obbo Dammaqaa Mokonniniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniitiin michooma biyyoota lameenii gidduu jiru itti fufsiisuun dhimmoota Idil Addunyaa fi naannoo irratti waliin kan hojjetan ta’uu Itti aantuu Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa  Beeljiyeem Soofiyaa Weelmis ibsaniiru.

Rakkoo mudatu kamuu keessatti Beeljiyeem michooma Ityoophiyaa waliin qabdu kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Poolaand Zibiignaaw Raayeenaan gama isaaniitiin, Poolaand hariiroo biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii waliin taasiftuuf Ityoophiyaan riqicha ta’uu fi giddugala siyaasa Afrikaa ta’uu isheetiin hariiroo Ityoophiyaan waliin qabdu daran guddisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Ministiroonni Ministra Dhimma Alaa biyyoota lameenii uummata Ityoophiyaaf misooma, badhaadhina fi guddina gaarii akka galmeessisaniif hawwii gaarii qaban ibsuu ragaan waajjira dubbi himaa Ministeera Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment