Ministiroonni Ingiliz hoggansa Booriis Joonsan mormuun aangoo gadi lakkisan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Ministirr Ministeera Fayyaa Ingiliz Saajiid Jaaviidii fi Ministirri Ministeera Maallaqaa biyyattii Riishii Suunaak hoggansa Muummee Ministiraa Ingiliz Booriis Joonsan mormuun aangoo gadi lakkisuu gabaafame.

Saajiid Jaaviid, Booriis Joonsan waliin hojii isaanii qajeelummaan hojjechuu kan hin dandeenye ta’uu ibsaniiru.

Paartiin Booriis Joonsan jaallatamummaa uummata biraa qabu dhabuufi faayidaa biyyaalessaa biyyattii kabachiisuurratti ga’umsa kan hin qabne ta’uu ergaa gama Tiwiitara isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Riishii Suunaak gamasaaniin, sababni aangoo gadi lakkisuu isaanii wanti isaan mootummaarraa eeganiifi wanti qabatamaan jiru wal simuu dhabuu akkasumas ga’umsa dhabuu mootummaa biyyattii ta’uu kaasuu Zhinuwaan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment