Ministiroonni daawwannaa naannoleetti taasiisaa turaniif duub deebii kennan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Gareen Deeggarsaa fi Hordoffii Mootummaa Federaalaa daawwannaa guyyoota kurnan darbaniif naannoleetti gaggeessaa ture xumureera.

Gareen Naannoo Amaaraa, Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaa fi Afaaritti daawwannaa taasiise ilaalchisee duub-deebii kenneera.

Naannoo Amaaraatti hoggansi naannichaa nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaa olaanaa taasiisaniin bu’aa jajjabeessan argamuu himeera.

Gareen deeggarsaa fi Hordoffii Federaalaa naannoo Amaaraatti daawwannaan taasise naannichaaf galtee guddaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbaddaan ibsaniiru.

Gareen Naannoo Sidaamaatti guyyoota kurnan darbaniif daawwannaa taasisees hojiilee waliigaalaa naannichatti daawwate ilaalchisee duub deebii kenneeta.

Mootummaan Federaalaa hojiilee humna naannichaa ol ta’anirratti tumsa taasiisuu akka qabu Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon gaafataniiru.

Naannoo Afaarittis hojiileen qabeenya misoomsuun fayyadamuu eegalamee cimee itti fufuu akka qabu garichi hubachiiseera.

Gareen deeggarsaa fi hordoffii ciminootaa fi hanqina naannichaa ilaalchisee yaada kenne akka galteetti fudhachuun xiyyeeffannoon irratti kan hojjetan ta’uu Pireezidaantiin naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun gareen naannoo Kibba Itiyoophiyaatti daawwannaa gaggeessaa tures waan daawwaterratti duub deebii kenneera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment