Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Ministiroonni dhimma Alaa Raashiyaa fi Yuukreen waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasiisuuf Turkitti mari’ataa jiraachuu ibsameera.
Mariin har’a Turk Antaaliiyaatti gaggeeffamaa jiru naannichatti nageenya waaraa buusuuf yaaddamee ta’uu himameera.
Qopheessummaa Ministeera Alaa Turkiin kan gaggeeffamu mariin kun, biyyoonni kunneen erga gara waraanaatti seenaanii marii jalqabaa aanga’oonni olaanoon irratti hirmaatan ta’uus ibsameera.
Marichi galtee Olola siyaasarra darbee waraannichi haala kamii fi akkamitti dhaabbachuu akka qabu yaadni furmaataa kan itti laatamu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Yuukreen Diimiitiroo Kuuleebaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Mariin gaggeeffamaa jiru waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraaf karra akka banu abdii qabaachuu Preezdaantiin Turkii Reesiip Xaayib Erdoohaan himaniiru.
Naannichatti nagaa buusuuf dhimmoota dandeessisanirratti mariin Ministiroonni biyyoota lamaanii taasiisaan murteessaa ta’uu Anaadooluun gabaaseera.
Turkis haala mijeessuu fi mariisiisuun qooda olaanaa kan baatu ta’uu ni eegama jedhame.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.