Ministiri Deettaa Ministeera Nageenyaa aadde Firee’alam Shibaabbaw Mootummoota Gamtoomanitti Jila Ejansii Dhimmoota Baqattootaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) –Ministiri Deettaa Ministeera Nageenyaa aadde Firee’alam Shibaabbaw Mootummoota Gamtoomanitti Jila Ejansii Dhimmoota Baqattootaa waliin mari’ataniiru.
Adeemsa olaantummaa seeraa kabachisuun lammiileen nagaa akka hin miidhamneef carraaqqii taasifamuu hubachiisaniiru.
Lammiilee Sudaanitti argaman wayita deebi’an nageenyi isaanii kan eegamuu fi bakkeewwan turii qophaa’uus himaniiru.
Gaggeessaan Jila Mootummoota Gamtoomanitti Jila Ejansii Dhimmoota Baqattootaa Giraaynee Ohaaraa lammiileen Ityoophiyaa Sudaanitti argaman gara biyyaa isaanitti deebi’uu akka barbaadan ibsaniiru.
Kanaanis, Ejansichi mootummaaf deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment