Ministeerri Turizimii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf marii taasiise

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Ministeerri Turizimii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechuuf marii taasiise.
Jilli Ministira Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caaliin durfamu naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti imaluun Preezdaantii Naannichaa Dooktar Nagaash Waageeshoo fi hoggantoota naannichaa waliin mari’ataniiru.
Qabeenya hawwata Turizimii misoomsuu, beeksiisuu, fayyadamummaa hawaasaa fi Badhaadhina naannichaa haala mirkaneessuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Deeggarsaa fi hordoffii, karoora, gabaasa hojii, sirna raawwii hojii gamaaggamuu, qabiinsaa fi bulchiinsa Turizimii, ijaarsa humna namaa fi dameewwan biroorratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu ibsameera.
Preezdaantiin fi hoggantoonni naannichaa qabeenya Turizimiirratti xiyyeeffannoo addaa laachuun hojjechuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment