Ministeerri Rayyaa Ittisaa lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Ministeerri Rayyaa Ittisaa Godina Goofaatti lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif meeshaalee fi nyaataa Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.

Deeggarsichas naannawichatti argamuun Itti Gaafatamaan Quunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaaneen, balichaan lammiileen lubbuun darbee lammiilee baraaruuf ta’uun ergama Raayyaa Ittisaan walfakkaata jedhan.

Lammiilee balichaan midhamaniif deggarsa Birrii miiliyoona 6 fi Kuma 305 taasisuu ibsan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Ajajni Kubbaa dafee qaqqabuun galaa isaaniirraa hir’isuun deeggarsa taasisuu kan yaadachiisan, Bulchaan Godinichaa Injiinar Daagmaawii Ayyalaan, deeggarsa Manni Hojii Ministeerichaa taasiseefa galateeffataniiru.

Taarikuu Laggasaa, Mallasaa Taaddasaa fi Maatusaalaa Maatiwoostu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment